Fana: At a Speed of Life!

Muummeen Ministiraa Dooktar Abiy Ahimad Muummee Ministiraa Abdallaa Hamdook waliin mari’atan

Finfinnee, Hagayya 19, 2012 (FBC) – Muummeen Ministiraa Dooktar Abiy Ahimad Muummee Ministiraa Abdallaa Hamdook waliin mari’atan.

Qindeessummaa Muummee Ministiraa Dooktar Abiy Ahimadiin sirna kabaja hundeeffama waggaa 1ffaa mootummaan ce’umsaa Sudaaniin walqabatee gareen jila Ityoophiyaa Kaartuumitti argameera.

Wayita marii hariiroo biyoota lameenii Muummeen Ministiraa Dooktar Abiy Ahimad mootummaan Sudaan marii siyaasa hanga ammaa raawwatanii fi waantoota gara fulduraa irratti dinqisiifataniiru.

Hariiroo Ityoophiyaa fi Sudaan ilaalchisuun, hariiroon biyyoota lameenii seenaa fi tarsiimoo irratti kan hundeeffame ta’uu eeraniiru.

Nuti “ummata tokko, biyya tokkos” jechuun, hojii hidha haaromsaa fi daangaa gidduu dabalatee dhimmoota biroorratti marii akka gaggeessan beeksisaniiru.

Muummeen Ministiraa Abdallaa Hamdook gama isaniin hariiroo biyyoota lameenii baroota dheeraaf ture caalummatti akka cimuuf kan hojjetan ta’uu mirkaneessaniiru.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.