Fana: At a Speed of Life!

Muummeen Ministiraa Faayzi Al Saaraaj mootummaan guutummaa biyyattiitti dhukaasa dhaabuu beeksisan

Finfinnee, Hagayya 16, 2012 (FBC) – Muummeen Ministiraa Faayzi Al Saaraaj mootummaan guutummaa biyyattiitti dhukaasa dhaabuu beeksisan.

Dhaabbatta Mootummoota Gamtoomaniin eeyyamni kan kennamefi Muummeen Ministiraa Liibiyaa Faayzi Al Saaraaj mootummaan guutummaa biyyattiitti dhukaasa dhaabuu beeksise.

Muummeen Ministira Faayzi Al Saaraaj humnoota waraanaa fi hidhattoota guutuu Liibiyaatti argaman dhukaasa akka dhaabaan waamicha dhiyeessaniiru.

Dhukaasaa dhaabuun kun birmadummaa Liibiyaa mirkaneessuu fi humnoota alaa biyyatti keessatti argaman baasuuf kan kaayyeffate ta’uu ibsaniiru.

Muummeen Ministira Faayzi Al Saaraaj baatii Bitootessa dhufu Liibiyaatti filannoon naannoo fi preezdaantummaa akka gaggeeffamu gaafateera.

Dhimma kana irratti teessoo isaa Baha Liibiyaa kan godhate humni Kaliifaa Haftaar wanta dubbate hin qabu.

Maddi:- Aljaziiraa

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.