Fana: At a Speed of Life!

Muummeen Ministiraa misooma qamadii Naannoo Somaalee daawwatan

Finfinnee, Hagayya 8, 2014 (FBC) – Muummeen Ministiraa FDRI Abiy Ahimad Naannoo Somaalee Godina Fafenitti misooma qamadii kilaastaaraan oomishamaa jiru daawwataniiru.

Muummeen Ministiraa Abiy Ahimad Naannoo Somaaleetti qonna kilaastaraan oomishi argame ajaa’ibsiisaa ta’uu eeruun, qonna kilaastraa kanarraa kuntaalli miiliyoona 8 ol akka argamuu eegama jedhan.

Kunis naannawaa duraan dagatamee ture gara oomisha kennuutti jijjiiramuu isaaf argisiistuudha jedhaniiru.

“Carraaqqiiwwan kunneen cimuu fi babal’achuu qabu. Yaadnii fi gochi keenya guutummaatti oomishtummaa fi misooma irratti xiyyeeffachuu qabu” jechuun hubachiisaniiru.

Naannichatti yeroo ammaa lafti hektaarri kuma 127 fi 277 oomisha qamadiin uwwifameera.

Bara kana naannichatti lafti hektaarri kuma 847 ol omishaalee garaagaraan akka uwwifamuu daawwannicharratti ibsameera.

Alaazaar Taaddalaatu gabaase

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.