Fana: At a Speed of Life!

Naannicha Magariisaafi jireenyaaf mijataa taasisuuf Eegumsaafi Kunuunsa Qabeenya Uumamaarratti hojjetamaa jira – BQO

Finfinnee, Sadaasa 8, 2016 (FBC) – Naannoo Oromiyaa Naannoo Magariituufi Jireenyaaf Mijattuu taasisuuf hojii Eegumsaafi Kunuunsa Qabeenya Uumamaarratti xiyyeeffannoon hojjetamaa jiraachuu Biiroon naannichaa beeksise.

Naannoo magariituufi jireenyaaf mijattuu taasisuun dhaloota boruuf dabarsuuf hojii Sagantaa Ashaaraa Magariisaa, eegumsa naannoofi kunuunsa qabeenya uumamaa irratti xiyyeeffannoon hojjetamaa jiraachuu Hoogganaa Ittaanaan Biiroo Qonnaa Oromiyaa Obbo Eeliyaas Kadir ibsaniiru.

Hojiiwwan gama Sagantaa Ashaaraa Magariisaa, Eegumsaafi Kunuunsa Qabeenya Uumamaatiin hanga ammaatti hojjetamanis uwwisa bosonaa guddisuu, dhiqama biyyee ittisuufi faalama qilleensaa ittisuutiin bu’aa qabatamaa argamsiisuu eeraniiru.

Hojiin biqiltuu dhaabuu, daagaa ijaaruufi dhiqama biyyee ittisuuf waggoottan shanan darban keessa hojjetamaa tureefi jiru jijjiiramaa qilleensaafi faalama bishaanii ittisuu keessatti gumaacha olaanaa taphataa jira jedhan.

Naannichatti waggoottan arfan biqiltuuwwan gosa garaagaraa biiliyoona 13.6 kan dhaabbachuu fi %88.5 latuu eeraniiru.

Sagantaa Ashaaraa Magariisaa bara 2016 tiinis biqiltuuwwan biiliyoona 5.5 dhaabuuf karoofamee hojjetamaa kan jiru yoo ta’u hanga ammaattis biqiltuu miiliyoonni 293 qophaa’uu Obbo Eeliyaas himuu ragaan BKO irraa argame ni mul’isa.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.