Fana: At a Speed of Life!

Naannichi Raayyaa Ittisa Biyyaaf deeggarsa Birrii miiliyoona 34 ol walitti qabe

Finfinnee, Sadaasa 8, 2014 (FBC) – Naannoon Hararii Raayyaa Ittisa Biyyaaf deeggarsa Birrii miiliyoona 34 ol walitti qabuu beeksise.

Haala yeroo ilaalchisee Itti aantuun Preezdaantii naannichaa aadde Missiraa Abdallaa ibsa laataniiru.

Ibsichaan garee shorokeessaan ABUT naannolee Amaaraa fi Afaaritti yakka garaa jabinaa garaagaraa lammiilee nagaarratti raawwachuu eeraniiru.

Uummanni naannichaa nageenya naannoo isaa dammaqinaan eeggachaa jiraachuu ibsaniiru.

Hojii galii walitti qabuun hojjetameen Birrii miiliyoonni 34 fi kumni dhibbi 8 walitti qabamuu ragaan Biiroo Dhimmoota Koominikeeshinii naannichaarraa argame ni muul’isa.

Naannoo keessan eegaa!

Gara adda waraanaatti duulaa!

Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.