Fana: At a Speed of Life!

Naannoleen filannoo ifooman

Finfinnee, Bitootessa 5, 2012(FBC) – Naannoleen filannoo ifooman.
 
Haaluma kanaan nananoleen filannoo 547 ta’uun ifoomaniiru.
 
Naannoleen filannoo mana maree federaalaa Oromiyaatti 178, Tigraayitti 38, Afaaritti 8, Amaaraatti 138, Somaaleetti 23, Beenishaanguulitti 9, Kibbatti 123, Gaambeellaatti 3, Harariitti 2, Dirree Dawaatti 2, Finfinneetti 23.
 
Naannoleen filannoo ifoomanis lakkaawwii ummataa bara Dargii 1976 bu’uureffachuun, akkaataa naannoo filannoo bara 1985n ta’uu walitti qabduun Boordii Filannoo Biyyoolessaa Ityoophiyaa aadde Birtukaan Miidhagsaan beeksisaniiru.
 
Mariin naannolee filannoo ifoomsuu gaggeeffameera.
 
Waltajjii Boordiin Filannoo Biyyoolessaa Ityoophiyaa qopheesse kanarratti, hoggansi paartilee siyaasaa fi bakka buutonni waldaalee siiviikii hirmaataniiru.
 
Maalummaa naannoo filannoo fi hundeeffama naannoo filannoo, hojimaata kanaan duraa fi qabiyyee seeraarratti ibsi laatameera.
 
Marichaan kaartaan filannoo biyyoolessaas ifoomera.
 
Hojiin hojjetame fooyyessa kaartaa osoo hin taane, ragaa bittinnaa’e sassaabuun bifa gurmaa’en hojii kaartaa hojjechuuti jedhan.
 
Haabtaamuu Taklasillaasee fi Awwal Abarraatu gabaase.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.