Fana: At a Speed of Life!

Naannoleen Mawulida sababeeffachuun ergaa baga ittiin isin gahee dabarsan

Finfinnee, Fulbaana 15, 2016 (FBC)- Pireezidaantonni naannolee garaagaraa ayyaana dhalachuu Nabiyyuu Mahaammaad (SAW) (Mawulida) 1498ffaa sababeeffachuun hordoftoonni Amantaa Islaamaa ergaa baga ittiin isin gahee dabarsaniiru.

Naannoon Hararii ayyaana mawulidaa ilaalchisuuun ergaa dabarseen, ayyaanichi duudhaa waldeeggaruu fi waltumsuu haala cimsuun kabajamu akka qabu hubachiiseera.

Akkasumaas Pireezidantiin Naannoo Itiyoophiyaa Giddugaleessaa Obbo Indaashaawu Xaasawu ergaa dabarsaniin, Nabiyyuu Mahaammad dhalli namaa hunduu walqixa ta’uu barsiisaa turuu yaadachiisaniiru.

“Nabiyyuu Mahaammad namaaf oo’uu fi gaarummaa barsiisaa akkuma turan nutis lammiilee biroof gaarummaa argisuun fakkeenyummaa isaanii hordofuu qabna” jedhaniiru.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.