Fana: At a Speed of Life!

Naannoo Amaaraatti sirni proojaktii ijaarsa daandii baasii Birrii biiliyoona 3.4 eeggalchisuu raawwatame

Finfinnee, Gurraandhala 22, 2013 (FBC) – Naannoo Amaaraatti sirni proojaktii ijaarsa daandii baasii Birrii biiliyoona 3.4 eeggalchisuu raawwatameera.
Proojaktii ijaarsa daandii aspaaltii Arbi Gabayaa-Sakalaa-Tiliilii Hulaat kiiloo meetira 62 baasii Birrii biiliyoona 1 fi miiliyoona 600 fi miiliyoona 73 fi kuma 300 fi 137n kan ijaaramu yoo ta’u, ijaarsi isaa waggaa 3 keessatti kan xumuramu ta’a.
Baasin ijaarsa kana mootummaa Ityoophiyaan uwwifama.
Ijaarsi daandii aspaaltii Danbacaa-Saqalaa- Biibunyi kiiloo meetira 70 ifatti eegalameera.
Ijaarsi daandichaa baasii Birrii biiliyoona 1 fi miiliyoona 700 fi miiliyoona 90 fi kuma 500 fi 720 kan ramadame yoo tahu, waggaa 4 keessatti akka xumuramuuf yeroo qabameera.
Sirna proojaktii daandichaa eegalchiisuurratti Itti Aanaa Muummee Ministiraa fi Ministirri Dhimma Alaa obbo Dammaqaa Mokonnin, Preezdaantii Mootummaa Naannoo Amaaraa obbo Aganyaw Tashaagar, Daayreektarri Olaanaa Abbaa Ataayitaa Daandiiwwan Ityoophiyaa Injiinar Habtaamuu Taganyi fi hooggantoonni hojii olaanoo federaalaa fi naannoo argamaniiru.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.