Fana: At a Speed of Life!

Naannoo Gambeellaaf deeggarsi meeshaalee yaalaa Birrii kuma 600 ol baasu taasifame

 

Finfinnee, Caamsaa 25, 2012 (FBC)  – Naannoo Gambeellaaf deeggarsi meeshaalee yaalaa Birrii kuma 600 ol baasu taasifame.

 

Yuunvaasitii Finfinneetti Giddugalli misooma Naannoo Gaanfaa Afrikaa carraaqqii ittisa vaayrasii koroonaa naannoo Gambeellaatti taasifamu cimsuuf deeggarsa meeshaale taasise.

 

Deeggarsi taasifaman kunneen maaykirooskooppii, silindaroota oksijiinii, sireewwanii fi meeshaaleen biroon akka argamu ibsameera.

 

Bakka bu’aan giddugala misoomichaa obbo Wandiwasan Girmaay deeggarsicha wayita laatanitti kaayyon isaa hawaasni weerara vaayrasii koroonaa ittisuuf carraaqqi taasifamu keessatti tumsa keenya ba’achufi jedhan.

 

 

Preezdaantiin naannoo Gambeellaa obbo Umad Ujuluu wayita meeshaalee yaalaa kana fuudhanitti rakkinoota diinagdee fi hawaasummaa vaayrasii koroonaan uumee ce’uuf qaamoleen hundi ga’ee isanii ba’achuu qabu jedhan.

 

 

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

 

 

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.