Fana: At a Speed of Life!

Naannoo gammoojjiitti qamadiin jallisiidhan oomishamaa jira

Finfinnee, Gurraandhala 2, 2012 (FBC) –Naannolee gammoojji Afaar, Somaalee fi Kibba Oomootti qamadiin jallisiidhan oomishamaa jiraachuu Ministeerri Qonnaa beeksiseera.

Naannolee kanneenitti lafa heektaara kuma 12rratti qamadii oomishuuf hojjetamaa kan jiru yoo ta’u, marsaa duraatin lafti heektaarri kumni 3 misoomera.

Marsaa duraatin Laga Shabaleerratti qofa lafti heektaarri kumni 1 fi 951 qamadiidhan misoomaa jira.

Laga Shabalee qofaan lafti heektaarri kun 27 misoomuu akka danda’u ogeeyyiin damichaa himaniiru.

Naannoo Somaalee laga Shabaleerratti qamadiin misoome kunis daawwatameera.

Aanga’oonni Federaalaa fi naannoleerra walitti babba’an qamadii gammoojii naannoo Somaalee aanaa Godee fi Baraanoo laga Shabaleetin misoomaa jiruu fi ijaarsa proojaktii misooma jallisii lixa Godee daawwataniiru.

Ityoophiyaatti waggaa waggaadhan naannoolee baddaatti qamadiin meetik tooniin miiliyoonni 4.8 ni oomishama.

Ityoophiyaan oomisha qamadiitin Afrikaarraa sadarkaa 3ffaa irratti argamtus, oomishni naannolee baddaatti oomishamu fedhii hawaasaa guutuu hin dandeenye jedhameera.

Bara baraan Ityoophiyaan bittaa qamadiitif Doolaara miiliyoona dhibba 6 kan baaftu ta’uu ragaan Ministeera Qonnaarraa argame ni mul’isa.

Waggoottan 50n darbaniif qamadiin alaa bitamaa turuun ibsameera.

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.