Fana: At a Speed of Life!

Naannoo Harariitti filannoo boru gaggeeffamuuf qophiin xumuramuu ibsame

Finfinnee, Fulbaana 19, 2014 (FBC) – Naannoo Harariitti filannoo biyyaalessaa guyyaa boruu gaggeeffamuuf buufataalee filannootti qophiin xumuramuu qindeessitoonni buufataalee beeksiisan.

Buufataaleen kunneenitti qophiin barbaachisu xumuramuu Faanaa Broodkaastiing Korporeet daawwannaa taasiiseen hubateera.

Filannoon gaggeeffamu karaa diimookiraatawaa, haqa qabeessaa fi bilisaa ta’een akka gaggeeffamuuf buufataaleen qophii taasiisuu hojii raawwachiiftoonni buufataalee filannoo ibsaniiru.

Guyyaa boruu gandoota magaalaa fi baadiyyaa naannichaa 36 keessatti buufataalee filannoo 229 irratti filannoon kan gaggeeffamu ta’uu ibsameera.

Tashoomaa Hayiluutu gabaase.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.