Fana: At a Speed of Life!

Naannoo Harariitti guyyaa tokkotti boolli dhaabbii biqiltuu kumni dhibbi 1 ol qophaa’e

Finfinnee, Caamsaa 14, 2014 (FBC) – Naannoo Harariitti Dhaabbii Biqiltuu Ashaaraa Magariisaa bara 2014f guyyaa tokkotti boolli biqiltuu kumni dhibba 1 ol qophaa’uu ibsameera.

Jilli Itti Aantuu Preezdaantii fi Hoggantuu Biiroo Qonnaa fi Qabeenya Uumamaa Naannichaa Aadde Misiraa Abdallaan durfamu Aanaa Ereritti boolla biqiltuu ashaaraa magariisaa bara 2014 f oolu qopheesseera.

Aaadde Misiraa Abdallaa naannichatti sagantaa Dhaabbii biqiltuu ashaaraa magariisaa bara 2014f Aanaalee hunda keessatti qophii gahaan taasifamaa jiraachuu ibsaniiru.

Ashaaraa magariisaa bara 2014 f akka naannoo Harariitti biqiltuun gosa adda addaa miiliyoonni 2 ol buufataalee biqiltuu 4 kkeessatti qophaa’uu Daayrektarri Itti fayyadamaa fi Misooma Eegumsa Qabeenya Uumamaa obbo Mahaammad Abbaas himaniiruu.

Sagantaa Dhaabbii Biqiltuu Ashaaraa Magariisaa bara 2014 Nnannoo Hararitti biqiltuu Miiliyoona 3.2 dhaabamuuf karoorfame keessaa biqiltuun Kumni Dhibba 9 kumni 6 kan bosonaa, biqiltuun miiliyoonni 2,fi Kumni dhibba 2 fi Kumni 40 immoo biqiltuu nyaataaf oolan ta’uu himameera.

Nageessoo Kadiirtu gabaase.

Fuula Feesbuukii keenyaan odeeffannoo waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.