Fana: At a Speed of Life!

Naannoo Harariitti sosochiin ‘Nomore’ jedhu gaggeeffame

Finfinnee, Sadaasa 13, 2014 (FBC) – Giddu seentummaa Ameerikaa mormuuf  naannoo Harariitti sosochiin ‘Nomore’ jedhu gaggeeffameera.

Saganticharratti hoggantoonni mootummaa naannichaa fi kutaaleen hawaasaa garaagaraa argamuu ibsmeera.

Giddu seentummaa biyyoonni Lixaa Ityoophiyaarratti taasiisaa jiran kamiiyyuu kan morman ta’uu hirmaattoonni sagantichaa himaniiru.

Ameerikaa fi michoonni ishee garee shororkeessitootaa gara aangootti deebisuuf tattaaffiin taasiisaa jiran tokkummaa Ityoophiyaanootaan ni fashalaa’a jedhan.

Biyyoonni Lixaa haala qabatamaa Ityoophiyaa osoo hin hubatin qaama tokko qofa deeggaruun haqaa fi araaraa biyyattiif dantaa kan hin qabaanne ta’uu isaa muul’isa jedhan hirmaattoonni sagantichaa.

Lammiileen Ityoophiyaa dhimma biyyaarrratti tokkummaa uumuun shira kana fashaleessuu akka qaban ibsameera.

Iyyoonaadab Andu’aaleemtu gabaase.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.