Fana: At a Speed of Life!

Naannoo Kibbaatti ragaa barnootaa sakatta’ame keesaa kumni 1 fi 131 ragaa sobaa ta’uu ibsame

Finfinnee, Caamsaa 28, 2015 (FBC) – Naannoo Ummattoota Kibbaatti ragaalee barnootaa sakatta’ame kuma 17 keesaa kumni 1 fi 131 ragaa sobaa ta’ee argamuu Biiroon Paabilik Sarvisii fi Qabeenya Humna Namaa naannichaa beeksise.

Biirichi raawwii hojii baatiwwan salgan darbanii bara 2015 irratti xiyyeeffachuun qooda fudhattoota waliin marii taasiiseera.

Bara baajatichaa ragaalee barnootaa sakatta’aman kuma 17 keesaa kumni 1 fi 131 ragaa sobaa ta’ee argamuu Hogganaan Biiroo Paabilik Sarvisii fi Qabeenya Humna Namaa naannichaa Obbo Zaayinee Biineekaan ibsaniiru.

Sakattoo ragaalee mirkaneessa ga’umsaa kuma 5 fi 672 irratti taasiifameen 767 ga’umsaa sobaa ta’uu dubbataniiru.

Guddina sadarkaa, jijjiirraa fi qacarrii kuma 23 ol raawwatame keessaa kumni 4 ol karaa seeraan alaa kan raawwatame ta’uu eeraniiru.

Dhimma kanaan walqabatee hoggantootaa fi ogeeyyii kuma 2 ol irratti tarkaanfiin fudhatamuu ragaan Biiroo Kominikeeshinii naannoo Ummattoota Kibbaarraa argame ni mul’isa.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.