Fana: At a Speed of Life!

Naannoo Oromiyaa iddoowwan qonna arfaasaatiif mijatoo ta’anitti lafti heektaarri kumni 900 ol oomishaan uwwifaman

Finfinnee, Caamsaa 10, 2014 (FBC)- Naannoo Oromiyaa iddoowwan qonna arfaasaatiif mijatoo ta’anitti lafti heektaarri kumni dhibbi 9 fi kumni 70  oomishaan uwwifamuu Biiroo Qonnaa Naannichaa beeksiseera.

Biirichatti itti aanaan hogganaa damee misooma oomishaa obbo Geetuu Gammachuu akka ibsaniiti, bara kana roobni arfaasaa ture eegaluus dursa ooyruun qonnaa qophaa’uu himaniiru.

Kanaanis xaa’oo warshaa kuntaala miiliyoona 1.2  dabalatee dhiyeessiin sanyii filatamaa harka qonnaan bulaa akka gahuuf hojiin bu’aa qabu hojjetameera jedhan.

Karoorri qonna arfaasaa guutuumaa guutuun milkaa’uu kan ibsan obbo Geetuun, iddoowwan qonna arfaasaatiif mijatoo ta’aniitti qamadii, garbuu, boqqolloo dabalatee miidhaan agadaa fi dheedhiin oomishamuu himaniiru.

Kanaanis callaa kuntaala miiliyoona 30 argachuuf karoorfamuus ibsaniiru.

Maddi:-TOI

Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.