Fana: At a Speed of Life!

Naannoo Oromiyaatti haala baruu fi barsiisuu fooyyeessuuf tarkaanfiiwwan adda addaa fudhatamaniiru

Finfinnee, Sadaasa 22, 2013 (FBC)- Naannoo Oromiyaattii haala baruu fi barsiisuu bara kanaa fooyyeessuuf tarkaanfiiwwan adda addaa fudhatamu ibsameera.

Bara kana naannichatti barattoonni miiliyoonnii 11.2 barnootaa ni hordofuu.

Qulqullinaa fi qaqqabamummaa barnoota fooyyessuuf tarkaanfiiwwan addaa addaa gurguddoon torba fudhatamuu ibsameera.

Kanneen keessaayis inni jalqaba barnoota Gadaati.

Bara kana barnoonni sirna gadaa akka gosa barnoota tokkootti barattoota kutaa 1-8ffaatiif ni laatama jedhameera.

Kana milkeessuufis kitaabonni baratoottaa fi qajeelcha barsiisaa maxxanfamanii rabsamaa jirachuu ibsameera.

Inni 2ffaaniis barnoota afaanota addaa addaan laachuudha.

Tokkummaa sabdaneessummaa biyyaatti cimsuuf  bara kana godinaalee daangaa Sumaalee fi Affaariin jiranitti barnoonni afaan Sumaalee fi Affaariin ni kennama.

Barnoonni Afaan Oromootin naannolee biyyatti hunda keessatti akka baratamus ibsameera.

Inni 3ffaan daree dabalata ijaaruudha.

Naannicha keessaa manneen barnootaa jiran istaandaardii isaanii fooyyeesuuf daree dabalata 30,000 manneen barnoota sadarkaa 1ffaa keessatti ijaaruuf karoorfamee dareen dabalataa 34,247 hirmaannaa ummataatiin ijaaramuu ibsameera.

 

Inni 4ffaan aadaa dubbisuu barattootaa fooyyeessuudha.

Aadaa dubisuu barattootaa fooyyeessuuf manneen barnoota sadarka 1ffaa hunda keessatti gaaddisa dubbisa lama lama (two Reading Corner for each school) akka qophaa’u ta’eera.

Manneen barnoota 8,250 keessatti manni dubbisa (library) tokko tokkoo banuuf karoorfamee keessaa manneen barnootaa 5,481 keessatti mannii dubbisaa banameera.

Inni 5ffaan manneen barnoota addaa (Special schools)

Barnoota bara kanatiif manneen barnoota addaa 40 banuudhaan barattoota kutaa 9 ciccimoo ta’an bariisootan filatamaniin barsiisuun akka eegalamuu ibsameera.

Inni 6ffaan proojektii Ifa Boruuti

Manneen barnoota sadarkaa 2ffaa qaqqabama gochuun hirmaanaan barattoota sadarka 2ffaa dabaluuf kan gargaaru proojektii ifa boruutiin manneen barnootaa sadarkaa 2ffaa 100 ijaaruuf hojii  qabatama keessa galameera.

Inni 7ffaa barattootaaf nyaata dhiyeessuudha.

Akka gabaasa Biiroo Dhimmoota Kominikeeshinii Mootummaa naannoo Oromiyaatti bara kana godina addaa Oromiyaa naannawaa Finfinnee guutuummaatti akkasumas aanaalee gammoojjii hanqina midhaan nyaataa qaban 20 keessatti barattoota sadarkaa 1ffaa barataniif dhiyyeessiin nyaataa akka taasifamu ibsameera.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.

 

 

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.