Fana: At a Speed of Life!

Naannoo Oromiyaatti hanga ammaatti lukkuuwwaa sanyii fooyyee miiliyoonni 29 raabsaman – BQO

Finfinnee, Sadaasa 19, 2016 (FBC) – Naannoo Oromiyaatti hanga ammaatti lukkuuwwaa sanyii fooyyee miiliyoonni 29 raabsamuu Biiroon Qonnaa naannichaa beeksise.

Bara 2016 Oromiyaatti lukkuuwwan sanyii fooyyee miiliyoona 35 raabsuuf karoorfamee keessa hanga ammaatti miiliyoonni 29 raabsamuu Itti Aanaa Hogganaan Biiroo Qonnaa Oromiyaa Obbo Toleeraa Dabalaan himan.

Kanneen keessaa cuuciiwwan guyyaa tokkoo miiliyoona 14 fi goroomtiin miiliyoonni 15 raabsamuu eeraniiru.

Misoomni lukkuu kunis dubartootaafi dargaggoota hojii dhabeeyyii hedduuf carraa hojii uumuu ibsaniiru.

Ammaas karoora ol raawwachuuf Cuuciiwwaan guyyaa tokkoo bal’inaan dhiheessuuf hojjetamaa jira jedhan.

Abbootii qabeenyaa horsiisaafi baay’isuu lukkuurratti hojjechaa jiran waliin mari’achuun hormaataafi fayyaa isaaniirratti hojjetamaa jiraachuus dubbataniiru.

Karoora qabamees gara miiliyoona70 tti ol guddisuuf hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru.

Rakkoo dhibee lukkuu waliin wal qabatee jiru furuufis cuuciiwwan utuu fayyadamtoota bira hin gahiin yeroo lama kan talaalchifaman ta’uu dubbachuu ragaan biiricharraa argame ni mul’isa.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.