Fana: At a Speed of Life!

Naannoo Oromiyaatti jiraattoonni godinaalee 4 raayyaa ittisa biyyaaf deeggarsa sangoota 530 fi Birrii miiliyoona 13.3 ol deeggarsa taasisan

Finfinnee, Sadaasa 10, 2013 (FBC)- Naannoo Oromiyaa jiraattoonni godinaalee Harargee Bahaa, Baalee, Jimmaa fi Gujii raayyaa ittisa biyyaaf deeggarsa sangoota 530 fi Birrii miiliyoona 13.3 ol taasisaniiru.

Deeggarsicha abbootiin gadaa, jaarsoliin biyyaa fi hoggantoonni hojii mootummaa godinaalee arfaniirra bakka bu’an har’a mooraa humna lafootti argamuun laataniru.

Waajjira Paartii Badhadhiinaa godina Harargee Bahaatti Qindeessituun damee dhaabaa aadde Sa’aadaa Abdurramaan, jiraattoonni godinichaa sangoota 418, daakuu kuntaala 100, re’oota 89 fi sukkaraa kuntaala 50 laachusaanii ibsaniiru.

Godina Baaleetti deeggarsicha kan laatan itti gaafataman waajjira paartii Badhaadhinaa damee siyaasaa obbo Seeyfaddiin Hasaan, jiraattoonni godinichaa Birrii miiliyoona 2.5 fi sangoota 38 raayyaa ittisa biyyaaf deeggarsa laachuu dubbataniiru.

Kantiibaan magaalaa Nageellee obbo Baqqalaa Birraa godina Gujiitti raayyaa ittisa biyyaaf deeggarsi Birrii miiliyoona 5.3, sangoota 74, re’oota 61 fi hoolotaa 12 taasifaamu ibsaniiru.

Jiraattoonni godina Jimmaas meeshaalee Birrii miiliyoona 2.5tti tilmaamamu raayyaa ittisa biyyaaf laataniiru.

Deeggarsa godinalee kunneerra taasifamee kan fudhan Itti gaafatamaa Waajjira Ministir Deettaa Ministeera Raayyaa Ittisa Biyyaa FDRI obbo Geetaachaw Sisaay deeggarsa taasifameef galateeffachuun deeggarsichi raayyaa ittisa biyyaa kan ga’u ta’uu ibsaniiru.

Dabalatanis Yuunvasiitiin Jimmaa re’oota 150 fi Birrii miiliyoona 1 deeggarsa taasiseera.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo

https://www.youtube.com/channel/UCsy_Mc1C45kRUVopA-NK10A subiskiraayib godhaa.

Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.

 

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.