Fana: At a Speed of Life!

Naannoo Oromiyaatti namoonni 221 vaayrasii koroonaan qabamuu ibsame

Finfinnee, Onkololeessa 9, 2013 (FBC) – Naannoo Oromiyaatti gabaasa qorannoo sa’aa 24 darbeetiin namoonni 221 vaayrasii koroonaan qabamuu ibsame.

Naannichaatti sa’aa 24 darbeetiin qorannoo laabraatoorii namoota 757 hojjetameen vaayrasichi namoota 221 irratti argamuu Biiroon Eeggumsa Fayyaa Oromiyaa beeksiseera.

Oromiyaatti hanga guyyaa kanaatti lakkoofsi namoota vaayrasii koroonaan qabamanii 14,730 ga’eera.

waliigala Lubbuun namoota 123 darbeera.

Namoonni haaraan 37 vaayrasichaarra yoo dandamatan, hanga ammaatti namoonni 9120 dandamataniiru.

Namoonni 21 wallaansa cimaa keessatti argamu.

Yeroo ammaa vaayrasichi kan irra jiru namoota 5487 ta’uu biirichi ifoomseera.

Erga vaayrasichi gara Ityoophiyaa seenee hanga ammaatti naannoo Oromiyaatti qorannoon laabraatoorii namoota 206315 gaggeeffameera.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.