Fana: At a Speed of Life!

Naannoo Oromiyaatti qonna arfaasaatiin oomisha kuntaala miiliyoona 17 walitti qabuuf karoorfame

Finfinnee, Bitootessa 19, 2014 (FBC) – Naannoo Oromiyaatti qonna arfaasaatiin oomisha kuntaala miiliyoona 17 walitti qabuuf karoorfamuu Biiroon Qonnaa Oromiyaa beeksiseera.

Itti aanaan hogganaan biirichaa Obbo Geetuu Gammachuu akka himanitti, qonni arfaasaa baranaa kan duriirraa guyyoonni muraasa duubatti kan harkifaman ta’ullee, oomisha kuntaala miiliyoona 17 walitti qabuuf karoorfameera.

Roobni arfaasaa baranaa godinaalee Oromiyaa hongeen miidhamaniin ala iddoowwan birootti yeroon argachuu eegaluu Obbo Geetuun himaniiru.

Jalqabbiinsaa kan duriirraa duubatti harkifatus oomisha argachuuf karoorfame milkeessuuf gamanumaa qophiin xumuramuu ibsaniiru.

Akka naannootti lafa heektaara kuma 900 qonna arfaasaatiin uwwisuuf karoorfamee, lafti heektaara kuma 800 qophaa’e keessaa heektaarri kuma 200 qamadiidhaan uwwifamuu eeruusaanii ragaan waajjira preezdaantiin naannoo Oromiyaarra argame ni muul’isa.

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyaan odeeffannoo waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.