Fana: At a Speed of Life!

Naannoo Tigraayitti raabsi deeggarsa namoomaa cimee itti fufeera-Koomishinicha

Finfinnee, Sadaasa 25, 2015 (FBC)- Naannoo Tigraayitti deeggarsa namoomaa raabsuun cimee kan itti fufe ta’uu Koomishiniin Hoggansa Sodaa Balaa Biyyaalessaa beeksise.

Haaluma kanaan erga waliigalteen nageenyaa mallatteeffamee as nyaataa fi meeshaalee biroo meetirik toonii kumni 78 ol mootummaa fi dhaabbilee tumsitootaan lammiilee rakkoo keessatti argamaniif raabsamuun ibsameera.

Hanga Sadaasa 23, 2015tti nyaataa fi nyaataa madaalawaa meetirik toonii kuma 72 fi 169.8 naannichaatti raabsamuu koomishinichi addatti FBC’f ibseera.

Kanneen keessaa nyaata meetirik toonii kuma 13 fi 686.8, meeshaalee biroo meetirik toonii kuma 1 fi 13.76 fi boba’aa liitira kuma 575 fi 908 geejjibsifamuun eerameera.

Mootummaan naannawaa qaamoleen tumsitootaa ga’uu hindandeenyetti deeggarsa namoomaa barbaachisaa raabsaa jiraachuunhimameera.

Hojii raabsa deeggarsa namoomaa kanas mootummaa malee dhaabbileen tumsistootaa 23 hirmaachuu koomishinichi beeksiseera.

Deeggarsa namoomaa dhiyeessuufis kooriidaroota akka Afaar-Abi’aalaa, Goondar-Maayxabirii-Shiree fi Kombolchaa-Qobboo-Allaamaaxaa- fayyadamuu ibsameera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.