Fana: At a Speed of Life!

Naannoo Ummatoota Kibba Lixaa Ityoophiyaatti raammoon geerii midhaan lafa hektaara 500 irraa miidhuu eerame

Finfinnee, Caamsaa 18, 2014 (FBC) – Naannoo Ummatoota Kibba Lixaa Ityoophiyaatti Raammoon Geerii Afrikaa midhaan lafa hektaara 500’rraa jiru miidhuu Biiroon Qonnaa naannichaa beeksise.

Biiroon Qonnaa Naannoo Ummatoota Kibba Lixaa Ityoophiyaa akka eeretti, hojiin raammoo geerii ittisuu bal’inaan gaggeeffamaa jira.

Raammoon geerii hanga ammaatti naannichatti midhaan lafa hektaara 500 ol irraa miidhaa dhaqqabsiisuu fi hawaasnis muuxannoo mala aadaatiin ittisuu cimsee itti fufuu akka qabu hubachiiseera.

Raammoo Geerii Afrikaa gamanumaan ittisuun yoo hin danda’amne miidhaan isaa hammaataa waan ta’uuf, hawaasni gurmaa’inaan guyyaa guyyaan oyiruu isaa sakatta’uun raammoo kana mala aadaan qulqulleessuurratti akka hirmaatu biirichi waamicha dhiyeessuu ragaan Biiroo Dhimmoota Kominikeeshinii naannichaarraa argamee ni mul’isa.

Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.