Fana: At a Speed of Life!

Naannoon Hararii bootteewwan bishaanii shan Birrii miiliyoona 25tti tilmaamaman fudhate

Finfinnee, Bitootessa 28, 2013 (FBC)- Abbaan Taayitaa Bishaanii fi Dhangala’oo naannoo Hararii bootteewwan bishaanii shan Birrii miiliyoona 25tti tilmaamaman fudhateera.

Preezdaantiin Mootummaa Naannoo Hararii Oordiin Badriin rakkoo taajajilaa biishaan dhugaati jiraattoota magaalaa Hararii muudata ture furuuf deeggarsa konkolaattootaa boottee  biishaan deddebisuu dhaabbata miti mootummaa UIIDP irraati furtuu fudhaniiru.

Dabalataniis Preezdaantichi ijaarsa oolmaa dargaggoota Birrii miiliyoona 99n aanaa Shonkoor keessatti ijaarsiisuf dhagaa bu’uura ka’aaniiru.

Oolmaan dargaggoota ijaaramu kunis bakkeewwan bashannanaa fi giddugalaa hedduu qabaachuu preezdaantichi himaniiru.

Gammachiis Beekumaatu gabaase

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubiihttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.