Fana: At a Speed of Life!

Nageenyaa fi tasgabbii naannichaa kabachiisuuf oppireeshiniin itti fufiinsa qabu gaggeeffamaa jiraachuu ibsame

Finfinnee, Fulbaana 13, 2014 (FBC) – Nageenyaa fi tasgabbii naannichaa kabachiisuuf oppireeshiniin itti fufiinsa qabu gaggeeffamaa jiraachuu Komishiniin Poolisii Naannoo Oromiya beeksiise.
Miseensonni Shanee akkuma Goollichaa Dheengee karaa nagaan mootummaatti harka akka laatan Komishinichi waamicha dhiyeesseera.
Gareen shororkeessaa Shanee iddoolee tokko tokkotti hojii badii raawwachuu itti fufuus sosochiin humna nageenyaa naannichaa ol ta’e kan hin jirre ta’uu Itti aanaa Komishinara fi itti gaafatamaan damee Kominikeeshinii Komishinii Poolisii naannichaa gargaaraan Komishinaraa Geetaachoo Ittichaa ibsaniiru.
Olola sobaa gareen kun miidiyaa hawaasummaan tamsaasuun ummanni burjaaja’uu akka hin qabne hubachiisaniiru.
Garichi naannoo Oromiyaa iddoolee tokko tokkotti sosochii taasiisaa jiraatus olola sobaa tatamsaasuun ala sadarkaa sodaa nageenyaarra kan ga’ee miti jedhan gargaaraan Komishinaraa Geetaachoo Ittichaan.
Komishiniin Poolisii Oromiyaa Poolisii Federaalaa fi qaamolee nageenyaa waliin ta’uun oppireeshiniin garicha barbadeessuu haala itti fufiinsa qabuun gaggeessaa jiraachuu eeraniiru.
Miseensonni Shanee hedduun gochaa badii dhiisuun harka laachaa jiraachuu himuun, kanneen hafanis karaa nagaan harka akka laatan waamicha dhiyeessaniiru.
Maddi:- TOI
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.