Fana: At a Speed of Life!

Namoonni Ityoo-Teeleekoom burjajjeessuun shakkaman 11 too’ataman

Finfinnee, Hagayya 23, 2012 (FBC) – Namoonni Ityoo-Teeleekoom burjajjeessuun shakkaman 11 too’ataman.

Namoonni Ityoo-Teelekoom burjajjeessuun shakkaman 11 meeshaa isaanii waliin too’annoo jala akka oolan taasisuu Tajaajjilli Nageenya Odeeffaannoo Biyyalessaa beeksise.

Namoonni shakkaman kunneen ergawwan sagalee biyyaa alaarra gara Ityoophiyaatti taasifaman gama Saatalayitii Niitwoorkii Dhaabbata Ityoo-Teeleekoomin darbuu osoo qabanu meeshaalee teeleekoomii seeran alaa hayyama Minsiteera Innooveeshinii fi Teeknooloojjii osoo hin qabatin gara biyyaa kessaatti galchuun sagalewwan idil-adduunyaa garagaraa butuun kallatti isaani qofan mamila isaanif dhiyyeessaa turu Tajaajjilli Nageenya Odeeffaannoo Biyyalessaa beeksiseera.

Tajaajjilli Nageenya Odeeffaannoo Biyyalessaa, Ejansii Odeeffaannoo fi Nageenyaa Ityoophiyaa waliin ta’un namoota kanneen meeshaalee isaan itti fayyadama turan Getweeyi (get way) 11,Tipliinkii (tip link) 26, Filash disk 20, sim kardiiwwan kuma 1fi339 , Laptooppiwwan 11 fi meeshaaleen Teeleekoominikeeshinii biroos to’annoo jala olaaniiru.

Goochii seeran alaa akka kana kun Ityoo-Teeleekoomin waggatti hanga Birrii miiliyoona 100 fi miliyoona 37 akka dhabsisuus himamera.

Tajaajjilli Nageenya Odeeffaannoo Biyyalessaa , Ejansi Odeeffaannoo fi Nageenyaa Ityoophiyaa walin ta’un sakatta’insa taasiseen yaaliwwaan Itiyoo-Teelekoom burjajeessu danda’an hedduu hambisuu beeksiseera.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.