Fana: At a Speed of Life!

Namoonni lamaan vaayrasii koroonaatin qabamuun isaanii mirkanaa’e jiraattota naannoo Amaaraati

Finfinnee, Bitootessa 21, 2012 (FBC) – Guyyaa har’aa namoonni lamaan vaayrasii koroonaatin qabamuun isaanii mirkanaa’e jiraattota naannoo Amaarati.

Ministeerri Fayyaa FDRI akka beeksisetti namoota lamaan keessaa takka Duubaayii gara Baahir Daar kan deebite yammuu taatu, namni biroo lammaffaan ammoo Ameerikaadhaa gara naannichaa deebi’uun magaalaa Addiis Qoidaam kan jiraatudha.

Ministirri Ministeerichaa Dooktar Liyaa Taaddasaan akka beeksisanitti, namoota lamaanifuu hordoffiin taasifamaa tureera.

Namoota lamaan waliin tuttuqqii kan qaban, adda baafamanii hordoffiin taasifamaafii jira.

Mootummaan naannoo Amaaraa gama isaatin namoonni biyyoota alaatii torbeewwan sadan darbanii as gara biyyaa deebi’an dhaabbilee fayyaatti gabaasa akka taasisan waamicha dhiyeessera.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.