Fana: At a Speed of Life!

Namoonni maallaqa alaa fi meeshaalee waraanaa yeroo daddabarsan argaman 5 to’annoo jala oolan

Finfinnee, Gurraandhala 18, 2013 (FBC) – Komishiniin Poolisii naannoo Gaambeellaa namoota maallaqa biyyoota alaa kuma 3 fi meeshaalee waraanaa seeraan ala daddabarsaa turan 5 to’annoo jala oolchuu beeksiseera.
Shakkamtoonni kuneen guyyoota sadan darban keessa eeruu uummataan magaalaa Gaambeellaa, aanaa Diimaa Itaangitti hordoffii taasiifameen to’atamuu itti aanaan Komishinaraa Komishinii Poolisii naannichaa Tuut Koor ibsaniiru.
Maallaqni biyya Sudaan Kibbaa ‘Foon’ kumni 3, Kilaash Kooviin 3, Bireeniin 1, Shiggixiin 1 fi raasni Bireenii 90 to’annoo jala ooluu ibsaniiru.
Shakkamtoota to’annoo jala oolanirratti qorannoon gaggeeffamaa jiraachuu ibsameera.
Baatiwwan 6 darbanitti daddabarsa meeshaalee waraanaa seeraan alaa ittisuuf hojii hojjetameen Kilaash Kooviin 315 fi Bireen 2, akkasumas rasaasni garaagaraa kumni 1 fi 790 to’annoo jala ooluu komishinarichi ibsaniiru.
Komishiniin Poolisii naannichaa daddabarsa meeshaalee waraanaa seeraan alaa ittisuuf xiyyeeffannoon hojjechaa jiraachuu eeraniiru.
Maddi:-TOI
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.