Fana: At a Speed of Life!

Namoota 720 irratti vaayrasiin koroonaa  argamuu Ministeerri Fayyaa FDRI beeksise.

Finfinnee, Adoolessa 20, 2012 (FBC) – Gabaasa qorannaa sa’aa 24 kaleessa darbeetin, samuudaa namoota 9,527f qorannaan hojjetamee namoota 720 irratti vaayrasiin koroonaa  argamuu Ministeerri Fayyaa FDRI beeksiseera.

Lubbuun namoota 14 kan darbe yoo ta’u, waliigalaan namoonni vaayrasichaan lubbuun isaanii darbe 223 qaqqabeera.

Waliigala Ityoophiyaatti namoonni kumni 13 fi 968 vaayraasichaan qabamaniiru.

Guyyaa kaleessa namoonni 250 vaayrasicharraa yoo dandamatan, waliigala lakkoofsi namoota dhibicharraa dandamatanii kuma 6 fi 216 qaqqabeera.

Yeroo ammaatti namoonni 65 wallaansa yaala addaa keessatti argamu.

Waliigalaan amma ammaatti qorannaan laabraatoorii namoota 382,339 hojjetameera.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.