Fana: At a Speed of Life!

Namoota dhibee vaayrasii koroonaan qabaman keessaa namoonni kumni 53 ol fayyan

Finfinnee, Gurraandhala 27, 2012 (FBC) – Namoota dhibee vaayrasii koroonaan qabaman keessaa namoonni kumni 53 ol fayyan jedhame.

Erga weerarri vaayrasii koroonaa muul’atee namoota vaayrasichaan qabaman kuma 95 fi 481 keessaa namoonni kumni 53 fi 688 fayyuun himameera.

Biyyoota Awrooppaa keessaa Xaaliyaaniin biyya dhibichaan daran miidhamte taatee jirti.

Guyyaa tokko qofatti biyyattiitti namoonni 41 du’aniiru jedhame.

Xaaliyaanitti namoota dhibichaan qabaman kuma 3 fi 858 keessaa hanga ammaatti namoonni 148 du’aniiru jedhame.

Waliigala hanga ammaatti namoota kuma 3 fi 285 vaayrasii kanaan lubbuun darbee jira.

Maddi:-Reuters fi CGTN

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.