Fana: At a Speed of Life!

Neetiwoorkiin Dubartoota Ogeeyyii Faayinaansii Itiyoophiyaa hundeeffame

Finfinnee, Bitootessa 19, 2016 (FBC)- Fayyadamummaa faayinaansii dubartootaa guddisuuf Neetiwoorkiin Dubartootaa Ogeeyyii Faayinaansii Itiyoophiyaa hundeeffame.

Neetiwoorkichi walta’iinsa Baankii Biyyaalessaa Itiyoophiyaatti fi Baankii Addunyaan kan hundeeffame yoo ta’u, fayyadamummaa faayinaansii guddisuutti dabalataan, dubartoonni gara hoggansaatti akka dhufan kan tumsuudha jedhameera.

Adeemsa guddina dinagdee Itiyoophiyaa keessatti dubartoonni gahee isaanii akka bahatan carraa uumuuf kan kaayyeffate ta’uun eerameera.

Saganticharratti Bulchaan Baankii Biyyaalessaa Maammoo Miratuun sagantaa hirmaachisummaa faayinaansiin, hirmaannaa dhiirotaa fi dubartootaa gidduu fi gaheen fayyadamummaa kan wal hinmadaallee ta’uu himan.

Tarsiimoon hirmaachisummaa faayinaansii garaagarummaa dhiirotaa fi dubartoota gidduu dhiphisuufis kan kaayyeffateedha jedhan.

Sirna faayinaansii waaraa fi amanamaa ijaaruuf sirna faayinaansii hirmaachisaa ijaaruuf kan hojjetamu ta’uu eeraniiru.

Faayinaansii keessatti hirmaachisummaa dubartootaa galmaan ga’uuf, neetiwoorkichi hundeeffamuun gurmaa’ina carraa bal’aa uumu ta’uu ibsuu TOI gabaaseera.

Kaayyoon neetiwoorkichaas dubartoota ga’oomsuu fi walqixxummaa koorniyaa kan mirkaneessuun, damee faayinaansii cimsuuf akka ta’e ibsanii, kaayyoo kana milkeessuuf Baankii Addunyaa tumsa taasiseef galateeffataniiru.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.