Fana: At a Speed of Life!

Noorwayitti kan argamu dhaabbanni ogeessoota Ityoophiyaa Yuunivarsiitootaa Ityoophiyaa 5f deeggarsa Birrii miiliyoona 91 taasisan

Finfinnee, Muddee 22, 2013 (FBC) –Noorwayitti kan argamu dhaabbanni ogeessoota Ityoophiyaa Yuunivarsiitootaa Ityoophiyaa 5f deeggarsa Birrii miiliyoona 91 taasisan.
Deeggarsicha kan taasise dhaabbata ‘‘Ityoophiyaan Noorwaayjaan Piroofeesinaal Orgaanizaashiin”jedhamudha.
Daayreekatarri maarkeetiingii dhaabbatichaa fi yuunivaarsitichatti Of saawuz Noorwaay barsiisaa saayiinsii kompwuutaraa kan ta’an Proofessar Shaggaw Anaaggaw dhaabbatichi dorgommii dhaabbanni misoomaa Noorwwaay qopheesse injifachuun maallaqa aragate deggarsa taasisuu himaniiru.
Deeggarsichi Yuunivarsiitiiwwan Gondar, Jimmaa, Hawaasaa, Dabra Maarqoos, Yuunivarsiitii Saayinsii fi Teeknooloojii Finfifinnee hojiiwwan ijaarsa dandeettiif akka ooluuf deeggarsa taasisuu ibsaniiru.
Dabalaataanis, dhaabbatichi barattoota digirii 2ffaa 45 fi barattoota digirii 3ffaa (PHD) 15 Noorwaayitti carraa barnootaa akka argataniif hojjechaa akka jiran himaniiru.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/ subiskiraayib godhaa.
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.
Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.