Fana: At a Speed of Life!

Obbo Aabbaay Walduu fi Dooktar Abrahaam toánnoo jala yoo oolan, raayyaa ittisaarratti tarkaanfiin akka fudhatamu kan godhan irratti tarkaanfiin fudhatame

Finfinnee, Amajjii 2, 2013 (FBC)- Obbo Aabbaay Walduu fi Dooktar Abrahaam toánnoo jala yoo oolan, raayyaa ittisaarratti tarkaanfiin akka fudhatamu kan godhan irratti tarkaanfiin fudhatameera.
Itti gaafatamaan ajaja bobbii raayyaa ittisa biyyaa Birgaadeer Janaraa Tasfaayee Ayyaaleew Tajaajila Oduu Ityoophiyaatti akka himanitti, humnoota biyya diiguuf tattaaffachaa turanirratti tarkaanfiin fudhatameera.
Meejar Janaraal Ibraahiim Abduljaliil, Birgaadeer Jeneraal Gabrakidaan Gabramaariyaam, ajajoota olaanoo raayyaa ittisaa kan turan 10, ajajoota sararaa 2, gargaaraa koomiishinaraa poolisii kan ture juuntaatti kan makaman yoo taú tarkaanfiin irratti fudhatameera.
Aabbaay Waduu preezdaantii naannichaa durii, Doktar Abrahaam Takastaa itti aanaa preezdaantii naannichaa kan turan, Doktar Radaaíi Barihee itti gaafatamaa Oodiitara naanichaa kan ture, Dooktar Mulgeetaa Yirgaa itti gaafatamaa Eejansii Istaatiistiiksii, Iqquubaay Barihee itti gaafatamaa hordoffii amantaalee, Geetaachoo Tafarraa itti gaafatamaa waajjira preezdaantii fi nageenyaa, aadde Kiiroos Haagoos itti gaafatamtuu dhimma hawaasummaa kan turte toátamaniiru.
Raayyaa ittisaa ganuun juuntaatti kan makaman ajajoonni raayyaa ittisaa koloneel Gbraígziáabheer Ambaayee fi koloneel Tirfwaa Asfaa toátaman.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/ subiskiraayib godhaa.
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.
Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa.
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.