Fana: At a Speed of Life!

Obbo Dammaqaa Makonnin dhaabbileen Chaayinaa hojiilee invastimantii Ityoophiyaarratti akka hirmaataniif waamicha dhiyeessan

Finfinnee, Caamsaa 20, 2015(FBC)- Ittaanaan Muummee Ministiraafi Ministirri Ministeera Dhimma Alaa Obbo Dammaqaa Makonnin dhaabbileen Chaayinaa hojiilee invastimantii Ityoophiyaarratti akka hirmaataniif waamicha dhiyeessan.

Obbo Dammaqaan fooramii invastimantii Chaayinaa magaalaa Guwaangizhuutti qopheerratti hirmaataniiru.

Haasawaa waltajjicharratti taasisaniin, dhaabbileen Chaayinaa hojiilee invastimantii Ityoophiyaarratti akka hirmaataniif waamicha dhiyeessuu ragaan Ministeera Dhimma Alaarraa argame ni mul’isa.

Ityoophiyaafi Chaayinaa gidduu hariiroo cimaan jiraachuu eeruun, damee diinagdeen daran cimee itti fufuu akka qabu dubbataniiru.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.