Fana: At a Speed of Life!

Obbo Dammaqaa Mokkonnin bakka bu’aa addaa Kominishinii Mirga Namoomaa Gamtaa Awurooppaa waliin mari’atan

Finfinnee, Caamsaa 10, 2014 (FBC)-Itti aanaan Muummee Ministiraa fi Ministirri Ministeera Dhimma Alaa obbo Dammaqaa Mokkonniin bakka bu’aa addaa Kominishinii Mirga Namoomaa Gamtaa Awurooppaa Emaan Giilmoor waliin mari’ataniiru.

Marii isaaniin dhimmoota mirga namooma, waliin ga’insa deeggarsa namoomaa akkasumas mootummaan nageenya mirkaneessuuf tarkaanfiiwwan fudhata jirurratti xiyyeeffataniiru.

Obbo Dammaqaan ibsa laataniin mootummaan Ityoophiyaa nageenya waaraaf haala mijataa uumuuf tarkaanfiiwwan adda addaa fudhataa jiraachuu ibsuun faallaasaatiin gareen shororkeessaa ABUT waraana banuuf qophii olaanaa taasisaa akka jiru hubachiisaniiru.

Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

 

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.