Fana: At a Speed of Life!

Obbo Dammaqaa Mokonnin magaalaa Guwanizhu magaalota Ityoophiyaa waliin walitti hidhuun barbaachisaa ta’uu ibsan

Finfinnee, Caamsaa 20, 2015(FBC)- Ittaanaan Muummee Ministiraafi Ministirri Ministeera Dhimma Alaa Obbo Dammaqaa Mokonnin mootummaan magaalaa Guwanizhu magaalota Ityoophiyaa waliin walitti hidhuuf fedhii qabaachuu ibsaniiru.

Chaayinaatti daawwannaa hojii taasisaa kan jiran Obbo Dammaqaa Makonnin, hariiroo uummattoota biyyoota lameenii daran cimsuuf magaalaa Guwaanizhuufi magaalota Ityoophiyaa walitti hidhuun fayidaa qabaachuu eeraniiru.

Kantiibaan magaalichaa oomishtoota oomishaalee daldala alaa Ityoophiyaaf gahumsa isaanii Guwaanixhuu akka taasisaniif waamicha dhiyeessuu ragaan Ministeera Dhimma Alaarraa argame ni mul’isa.

Obbo Dammaqaan turtii magaalichatti taasisaniin dhaabbilee elektirooniksii, infoormeeshin teekinooloojiifi maddisiisa anniisaa daawwachuufi hojiilee invastimantii Ityoophiyaatti akka hirmaataniif affeeraniiru.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.