Fana: At a Speed of Life!

Obbo Dammaqaan Gaanfa Afrikaatti ergamaa addaa Gamtaa Awurooppaa waliin mari’atan

Finfinnee, Onkololeessa 12, 2014 (FBC) – Itti aanaan Muummeen Ministiraa fi Ministirri Ministirri Ministeera Dhimma Alaa Obbo Dammaqaa Makonniin Gaanfa Afrikaatti ergamaa addaa Gamtaa Awurooppaa Aneet Weebar waliin mari’ataniiru.

Haala waqtaawaa Kaaba Ityoophiyaa, Hariiroo Ityoophiyaa fi Gamtaa Awurooppaa gidduu jiru akkaataa cimsuun danda’amurratti mari’ataniiru jedhame.

Ityoophiyaan marii hunda hirmaachise qaama dhimmi ilaallatti waliin taasisuuf karoora qabatte hojiitti hiikuuf murannoo qabaachuu obbo Dammaqaan ibsaniiru.

Mootummaan yeroo ammaa rakkoo biyyattii muudate furuuf tattaaffii taasiisaa jiru Aneet Weebar dinqisiifataniiru.

Gamtaan Awurooppaa hariiroo Ityoophiyaa waliin qabu cimsuuf fedhii qabaachuu ibsuu isaanii ragaan Ministeera Dhimma Alaarraa argame ni muul’isa.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.