Fana: At a Speed of Life!

Obbo Dammaqaan gorsaa Tika nageenyaa Preezdaant Joo Baayidan waliin mari’atan

Finfinnee, Bitootessa 29, 2013 (FBC) – Itti aanaan Muummee Ministiraa fi Ministirri Ministeera Dhimma Alaa FDRI Obbo Dammaqaa Makonniin gorsaa Tika nageenyaa biyyaalessaa Preezdaant Ameerikaa Joo Baayidan waliin bilbilaan mari’ataniiru.

Obbo Dammaqaan haala waqtaawaa naannoo Tigraay ilaalchisee Jaak Suuliivaaniif ibsa taasiisuu fuula miidiyaa hawaasummaa isaaniin himaniiru.

Marii sadee Hidha Haaromsaa ilaalchisee taajjabdoonni haqummaa fi loogii malee tajaajiluu akka qaban yaaduun mariisiisummaa gamtaa Afrikaan gaggeeffamuun ijoo ta’uu ibsaniiru.

Dabalataan waldhabdeen daangaa Ityoo – Sudaan karaa nagaa qofaan furamuu akka qabu kaasaniiru.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.