Fana: At a Speed of Life!

Obbo Dastaa Leeddamoon ergaa baga ittiin isin gahee dabarsan

Finfinnee, Fulbaana 16, 2015(FBC)- Pireezidaantiin naannoo Sidaamaa obbo Dasitaa Leeddaamoon ayyaana masqalaa  sababeeffachuun hordoftoota amantichaa maraaf ergaa baga ittiin isin gahee dabarsaniiru.

Ayyaanicha wayita kabajnu walitti qabamuu qofaa osoo hin taane aadaafi duudhaaleen keenya kan itti calaqqisan ta’uu qaba jedhaniiru.

Yeroo ammaa shirri biyya diiguu diina biyyattiin biyyattiirratti xaxame fashala’aa jiraachuu eeruun, Ityoophiyaanonni tokkummaan dhaabachuun jaalala biyyasaaniif qabaniifi wareegama kaffalan kan mul’isu ta’uu ibsaniiru.

Injifannoon mul’achaa jiru kan dhufe bu’aa tokkummaa, jaalalaa, waliif yaaduufi wareegama biyyaaf kaffaluu keenya jedhan.

Wayita ayyanicha kabajnu Raayyaa Ittisa Biyyaa yaadachuuniifi dhaadessuun ta’uu qaba jedhaniiru.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.