Fana: At a Speed of Life!

Obbo Gadduun, Muusaa Faakii waliin mari’atan

Finfinnee, Muddee 10, 2012 (FBC) – Ministirri Ministeera Dhimma Alaa FDRI obbo Gadduu Aandaargaachaw dura taa’aa Koomiishinii Gamtaa Afrikaa Muusaa Faakii waliin mari’atan.

Qophii yaa’ii hoggansa gamtichaa 33ffaa, dhimmoota siyaasaa fi nageenya naannoorratti Waajjira Gamtaa Afrikaatti mari’ataniiru.

Koreen keessummeessituu biyyoolessaa ministir deettaa Ministeera Dhimma Alaa FDRI aadde Hiiruut Zammanaatin duurfamu, hundaa’uun hojii eegaluu ibsaniiru.

Dura taa’aan Koomiishinii Gamtaa Afrikaa Muusaa Faakii Ityoophiyaan waltajjiiwwan gamtichaa sirna gaaridhaan qopheessaa turuu ibsanii, kan baranaas haala dansaa ta’een akka keessummeeffamu abdii qaban himaniiru.

Milkaa’ina waltajjichaatifis koomiishinichi tumsa barbaachisaa kan taasisu ta’uu eeraniiru.

Yaa’iin ministiroota dhimma alaa fi hoggansa Gamtaa Afriikaa Amajjii 28 amma Gurraandhala 02,2012tti kan gaggeeffamu ta’a.

Dura teessummaa Gamtaa Afrikaa preezdaantii Gibts Alsiisii harkaa Afrikaan Kibbaa kan fudhattu ta’a.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.