Fana: At a Speed of Life!

Obbo Galaasaa Dilboon boqotan

Finfinnee, Bitootessa 22, 2014 (FBC) – Gameessi qabsoo bilisummaa Oromoo obbo Galaasaa Dilboo addunyaa kanarraa du’aan boqataniiru.
Galaasaa Dilboo hoggana ABO duraanii fi qabsa’oota buleeyyi Oromoo keessaa isa tokko.
Maqaan dhaloota isa Yohanes Bantii yoo ta’u, kan dhalatee fi guddate magaala Naqamteeti.
Waggoota dheeraaf dhaaba Adda Bilisummaa Oromootti hayyuu duree ta’uu fi gulantaa adda addaarratti hojjechuun kan tajaajilan Obbo Galaasaa Dilboon, erga dhaabicha keessaa ba’aniis abdii kutatanii hin teenye.
Filannoo baranaa irratti namoota dhuunfaan dorgomanii teessuma mana marii bakka bu’oota ummataa argatan muraasa keessaa isaan tokko turan.
Ityoophiyaa:-Haa Misoomsinu,Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!
Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.