Fana: At a Speed of Life!

Obbo Geetuun Godina Baaleetti facaasaa qonna Arfaasaa eegalchiisan

Finfinnee, Ebla 8, 2016 (FBC) –Jilli Hogganaa Biiroo Qonna Oromiyaa Obbo Geetuu Gammachuun durfamuu Godina Baalee Aanaa Sinaannatti facaasaa qonna Arfaasaa eegalchiiseera.
Qonna Arfaasaa bara kanaan lafa hektaara miiliyoona 1.2 ol misoosuuf karoorfamee lafti hektaarri miiliyoona 1.3 ol qophaa’uu Obbo Geetuun himaniiru.
Hanga ammaatti lafti hektarri miiliyoonni 1 ol sanyiin uwwifamuu eeraaniiru.
Hojiin qonna Arfaasaa bara kanaa karoora qabamee olitti qophii taasisuun facaasaa xumuruuf haala gaariin hojjetamaa jiraachuu Obbo Geetuun dubbachuu ragaan BQO irraa argame ni mul’isa.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.