Fana: At a Speed of Life!

Obbo Kaasahuun Goofeen jila Hogganaa Baankii Addunyaan durfamu waliin mari’atan

Finfinnee, Caamsaa 7, 2015 (FBC) – Ministir Deetaan Ministeera Daldalaa fi Walitti Hidhamiinsa Naannawaa Obbo Kaasahuun Goofeen Hogganaa Piroojektii Baankii Addunyaa Afrikaa Alwaalid Faardiin durfamu waliin mari’ataniiru.

Ityoophiyaatti Daldala Alaa guddisuuf hojiin sadarkaa Afrikaa fi Addunyaatti fakkeenyummaa qabu hojjetamuu Obbo Kaasahuun ibsaniiru.

Ityoophiyaan damee Gabaa Horii dhaabbii fi kanneen biroon humna guddaa qabaachuu kasaniiru.

Hogganaan Piroojektii Baankii Addunyaa Afrikaa Alwaalid Faard Ityoophiyaa waliin hojjechuuf qophummaan jiraachuu eeraniiru.

Piroojektichi Afrikaa Bahaatti Horsiisee Bultootaa fi Horii dhaabbirratti xiyyeeffachuun hojjechaa jiraachuu eeruun, dandeettii horsiisee bultootaa dabaluun daldala alaa guddisuuf hojjetamaa jiraachuu marii isaaniin kaasaaniiru jedhame.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.