Fana: At a Speed of Life!

Naannoo Kibbaa deeggarsa Birrii miiliyoona 25 naannoo Amaaraaf laate

Finfinnee, Fulbaana 2, 2014 (FBC)- Itti aanaan Preezdaantiin Naannoo Kibbaa obbo Ristuu Yirdaaw magaalaa Bahiir Daariin galaniiru.

Obbo Riistuu Yirdaaw lammiilee garee shororkeessaa ABUT’n ajjeechaan irratti raawwatamee fi qe’eesaaniirraa buqqa’an deeggaruu fi Raayyaa Ittisa Biyyaa garee shororkeessichaa haleelaa jiru cinaa dhaabbachuusaanii mirkaneessuuf akka achitti argaman himaniiru.

Preezdaantiin Naannoo Amaaraa obbo Agaanyoo Tashaagar dabalatee hogganttoonni olaanoon naannichaa buufata xiyyaaraa Dajaazmaach Balaayi Zallaqaatti argamuun simannaa taasisaniifiiru.

Naannoon Kibbaa Birrii miiliyoona 25 Naannoo Amaaraaf deeggarsa kenneera.

Gareen shororkeessaa ABUT naannoo Amaaraa fi Affaaritti weerara taasiseen lammiileen kumaatamatti lakka’aman qe’eesaaniirraa buqqa’aniiru, lammiileen miiliyoonatti lakka’aman immoo rakkoo hamaaf saaxilamaa jiru jedhame.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.