Fana: At a Speed of Life!

Obbo Shimallis Godina Booranaatti Mana Barumsaa Ifa Boruu fi Siidaa Sheek Bakrii Saphaloos eebbisiise

Finfinnee, Waxabajjii 24, 2014 (FBC) – Jilli Pireezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa obbo Shimallis Abdiisaan durfamuu Godina Booranaa Magaalaa Yaa’abal’ootti Proojektoota misoomaa garaagaraa eebbisiiseera.
Jilichi Mana Barumsaa Bultii Addaa Ifa Boruu Sadarkaa 2ffaa Birrii miiliyoona dhibba 2 fi miiliyoona 80n ijaaramee eebbiseera.
Mana barumsaa kanatti Siidaa Sheek Bakrii Saphaloos eebbisuun, mooraa mana barumsaattis biqiltuu dhaabee jira.
Akkasumas Waajjira Mallaqaa Godina Booranaa Birrii miiliyoona 92 oliin ijaaramees eebbisisuun, ijaarsa mana barumsaa bu’uuraa boruuf dhakaa bu’uuraa kaa’uu.
Aanaa Miyoottis Daandiin Silalaa Solooloo Birrii miiliyoona dhibba 7 fi miiliyoona 47 oliin hojjatame jila obbo Shimallisiin durfamuun eebbifameera.
Maddi:Kominiikeeshinii Godina Booranaa fi OBN
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.