Fana: At a Speed of Life!

Oftuulummaan ABUT harka nageenyaaf diriirfame duubatti deebisaa jira – TKM

Finfinnee, Hagayya 25, 2014 (FBC) – Oftuulummaan ABUT harka nageenyaaf diriirfame duubaatti deebisaa jiraachuu Tajaajilli Kominikeeshinii Mootummaa ibse.
Tajaajilli Kominikeeshinii Mootummaa haala yeroo ilaalchisee ibsa laateera.
Mootummaan carraa nageenyaa dursa kennuun hidhattoota ABUT tooftaa waraanaa duubatti hafaa hordofuun dambalii uummataan daa’immani, dargaggootaa fi maanguddoota ficcisiisuuf hiriirsan carraa filannoo nagaa akka argataniif jecha Baha Amaaraan gootummaan ittisaa turuu himeera.
ABUT karaa baha Amaaraa gama Qobboofi naannawasheetiin weerara bane gooticha raayyaa ittisaa fi hirmaannaa uummataa cimaa ta’een haala barbaadeen ta’uufii kan hin dandeenye ta’uu eereera.
Sababa kanaan filannoo nageenyaa kennameef cinaatti dhiisuun kallattiiwwan biraan weerara babal’isaa jiraachuu ibseera.
Gareen waraana malee jiraachuu hin dandeenye kun karaa Waagi, Walqaayitii fi daangaa Sudaaniin weerara banuu ibseera.
Weerara garichaa raayyaan ittisaa qophaa’ummaa guutuu ta’eefi murannoo cimaan qolachaa jiraachuu kaaseera.
Mootummaan Ityoophiyaa haleellaa kallattii garaagaraan irratti baname murannoon qolachaa jiraachuu addeesseera.
Harki filannoo nageenyaaf diriirse hanga har’aatti kan hin sassaabbanne ta’uu kaaseera.
Harki nageenyaaf diriire kun sababa oftuulummaa ABUTiin akka hin kottooffanne hawaasni idil addunyaa dhiibbaa taasisuu akka qabu mootummaan ammas irra deebiin kan hubachiisu ta’uu ibseera.
Uummanni Tigraayis oftuulummaa garichaa balaaleffachuun gidiraa isarra gahurraa bilisa of baasuu akka qabu Tajaajilli Koominikeeshinii Mootummaa ibsa baaseen waamicha dhiyeesseera.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.