Fana: At a Speed of Life!

Ogeeyyii Yaala Fayyaa duula deeggarsa ogummaa laachuuf gara adda waraanaatti imalan 40f gaggeessaan taasiifame

Finfinnee, Onkololeessa 3, 2014 (FBC) – Magaalaa Finfinneetti Ogeeyyii Yaala Fayyaa duula birmadummaarratti tajaajila yaalaa laachuuf gara adda waraanaatti imalan 40f gaggeessaan taasiifameera.
Ogeeyyii Yaala Fayyaa Hospitaaloota magaalichaa keessaa walitti babba’uun deeggarsa ogummaa laachuuf yeroo 7ffaa gara adda waraanaatti imalaniif gaggeessaan taasiifameera.
Ogeeyyii kanneeniif bakka hogganaan Biiroo Eegumsa Fayyaa magaalichaa Dooktar Yoohannis Caalaa fi hoggantoonni olaanoo biirichaa argamanitti sagantaan gaggeessaa taasifameera.
Ogeeyyiin Fayyaa duula birmadummaa irratti argamuun tajaajila ogummaa kennaa kan jiran ta’uu ibsameera.
Tajaajila ogeeyyiin fayyaa duula kanarratti miseensota raayyaa ittisaafi humna addaatiif taasisan wanta kamiinuu bakka bu’uu akka hin dandeenye Dooktar Caalaan ibsaniiru.
Tajaajila ogummaan kun gaafatu ba’achuuf murteessuu isaaniitiif ogeeyyii fayyaa kanneen galateeffataniiru.
Dabalataanis biirichis ta’e bulchiinsi magaalichaa kan isaaniin boonu ta’uu fi deeggarsa barbaachisaa ta’e kan taasiisu ta’uu ibsaniiru.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.