Fana: At a Speed of Life!

Onkololeessi 24 guyyaa haleellaan Ajaja Kaabaa irratti raawwatameen yaadatamee oola-TKM

Finfinnee, Onkololeessa 21, 2015 (FBC)- Onkolooleessi 24, guyyaa haleellaan ajaja Kaabaa irratti raawwatame yaadatamee akka oolu Tajaajilli Kominikeeshinii Mootummaa Ibse.

Guyyicha ilaalchisuun Ministir Deetaan Tajaajilichaa Obbo Kabbadaa Deessisaa ibsa miidiyaaleef kennaniin, guyyichi guyyaa Raayyaa Ittisa Biyyaa Ajaja Kaabaarratti haleellaan raawwatame ta’un walqabatee marsaa 2ffaaf mata duree “Onkololeessa 24 yoomiyyuu hinirraanfannu” jedhuun guutummaa biyyattiitti akka kabajamu ibsaniiru.

Dabalataanis, manneen barnootaatti barattootaan kan kabajamu ta’a jedhan.

Dhimmichi dhimma birmadummaa biyyaan kan walqabatu ta’uu bira darbee, gochichi akka irra hindeebi’amneef kan yaadatamu ta’uu kaasaniiru.

Guyyichatti ganama keessaa sa’aatii 4:00 irratti lammiileen hunduu harka mirgaa isaanii laphee isaanirra kaa’uun walfaana tokkummaadhaan dhaadannoo guyyichaa jechuun sagalee kan dhageessisan ta’a jedhameera.

Kana malees, arjoomnii dhiigaa, deeggarsi maallaqaa fi akaakuu garaagaraa kan taasifamu ta’uu ibsaniiru.

Kabaja guyyichaafis dhaabbileen hundi akkaataa sagantaa ba’eetti deeggarsa walitti qabuufi guyyiocha yaadachuu qophii barbaachisa akka taasisan dhaamaniiru.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.