Fana: At a Speed of Life!

Oomishaalee gabaa ayyaana bara haaraaf dhiyaatanirratti fooyya’iinsi gatii muul’achuu ibsame

Finfinnee, Fulbaana 7, 2014 (FBC) – Oomishaalee gabaa ayyaana bara haaraaf dhiyaatan muraasa irratti fooyya’iinsi gatii muul’achuu Koreen To’annoo fi Hordoffii gabaa Federaalaa, naannolee fi Bulchiinsa magaalotaa ibseera.

Oomishaalee gabaaf dhiyaatan keessaa muraasarratti fooyya’iinsa gatii muul’achuuf oomishaalee tokko tokko ammoo haaluma tureen itti fufuu korichi himeera.

Gatiin Oomishaalee qonnaa kanneen akka Xaafii, Boqqoolloo, Ruuzii fi Qamadii hanga tokko kan hir’ise yoo ta’uu, gatiin  bu’aalee Oomisha Indaastirii kanneen akka Zayita Nyaataas hir’isuu korichi gabaasa har’a dhiyeesseen himeera.

Gatiin Qullubbii Adii ammoo dabaluu ibsameera.

Korichi rakkoo kana furuuf yeroo itti aanu qaamolee dhimmi ilaallatu waliin xiyyeeffannoon kan hojjetu ta’uu himameera.

Yaa’iinsi diinagdee tasgabbii qabu akka jiraatu yeroo kamiiyyuu caalaa xiyyeeffannoon kan hojjetamu ta’uu Ministirri Ministeera Daldalaa fi Indaastirii obbo Malaakuu Allebal himuu isaanii ragaan Ministeerichaarraa argame ni muu’isa

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.