Fana: At a Speed of Life!

Ooyiruun qonnaa %28 asiidumaan miidhameera-Ministeera Qonnaa

Finfinnee, Fulbaana 18, 2015 (FBC) –Ityoophiyaatti ooyiruu qonnaa asiidummaan miidhame keessaa 28 ta’an asiidummaa cimaan miidhamuu Ministeerri Qonnaa beeksise.

Damee qonnaan dhiyeessii fi raabsi nooraa seektara dhuunfaa hirmaachisee fi waltajjiin muuxannoo waljijjiirraa biyyaalessaa Adaamaatti gaggeeffamaa jira.

Hoji Raawwachiisaan Dhiyeessii Galtee Qonnaa Ministeerichaa Obbo Mangistuu Wubisheet waltajjicharratti akka ibsanitti, sadarkaa biyyatti oyiruu qonnaa misoomaa jiru keessaa %41 asiidummaa biyyeen kan miidhameedha.

Ooyiruu qonnaa asiidummaan miidhaman keessaas %28 kan ta’u asiidummaa cimaan miidhamuu eeranii, rakkocha furuuf qaamoleen dhimmichi ilaallatu hirmaachuun murteessaadha jedhaniiru.

Asiidummaa biyyee hir’isuu fi ittisuuf kan gargaaru raabsa nooraa waliin gahuuf seektara dhuunfaa waliin hojjechuun barbaachisa jedhaniiru.

Qonnaan bultoonni hubannoon itti fayyadamaa fi bu’a qabeessummaa nooraarratti qaban gabbisuurraa eegalee, qaamoleen dhimmichi ilaallatu sadarkaa naannoo fi federaalaa akkasumaas, gandaa, aanaa fi godinaa qindoominaan hojjechuu akka qaban ibsaniiru.

Yeroo ammaa lafti hektaara miiliyoona 13.5 misoomaa jiraachuu kaasanii, ooyiruu qonnaa hangi asiidummaa biyyee isaa %5.5 oomishaa fi omishtummaan sadarkaa olaanaan akka hir’atu ibsaniiru.

Maddi:-TOI

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.