Fana: At a Speed of Life!

Oro-Somaaleen waliigaltee waliinii waggoota shaniif isaan hojjechiisu mallatteessan

Finfinnee, Amajjii 17, 2013 (FBC ) – Mootummonni naannolee Oromiyaa fi Somaalee Waliigaltee misoomaa fi nageenya waliinii waggoota shaniif turu har’a Finfinneetti walii mallatteessaniiru.

Waliigaltichas Preezdaantii mootummaa naannoo Oromiyaa obbo Shimallis Abdiisaa fi Preezdaantii Mootummaa Naannoo Somaalee obbo Musxafee Mohaammad mallatteesseesaniiru.

Waliigaltichi rakkoolee misoomaa fi nageenyaa godinoota 12 fi aanoota 48 naannawaa daangaa Oro-Somaalee irratti argaman furuuf kan gargaaruudha.

Kanaafis qarshii miliyoona 200 fi miiliyoona 22.7 hojiirra akka oolu kan taasisudha.

Preezdaanti Shimallis waltajjicharratti akka jedhanitti, waldhabdeewwan sababa bishaanii, lafa dheedichaa, daandii, mana barumsaa fi kanneen biiroo daangaarratti mul’atan bifa waaraan furuuf kuteenyummaa olaanaatu jira.

Kanas mootummaan bajata gahaa kan ramadu yoo ta’u, seektaroonnis karoorasaanii keessatti xiyyeeffannoo itti kennanii kan hojjetan ta’u.

Preezdaanti Musxafee Mohaammad gamasaaniin, naannooleen lamaan kiloo meetira kuma tokkoofi 800 kan waldaangeessan waan ta’eef waldhabdeen uumamuun akka hinoolle kaasanii, waliigaltichi rakkooleen yoo uumaman akkamitti hiikuu akka danda’amuufis kallattii kan ka’uudha jedhaniiru.

Ministirri Nageenyaa Aaddee Mufariyaat Kaamiil waltajjiini fi waliigalteen naannoolee lamaanii akka riqicha cabe suphuutti kan ilaalamu ta’uufi hariiroo ummata lamaanii bu’uura amansiisaarra kan dhaabu waan ta’ees kan dinqisiifatamudha jedhaniiru.

Naannooleen kaanis kanarraa barachuun rakkoosaanii waliin akka hiikkatan gaafataniiru. Federaalizimii walmorkii osoo hintaane, federaalizimii walta’iinsaa ijaaruuf hojjetamuu akka qabaniis hubachiisaniiru.

Jila Naannoo Somaaleerraa dhufaniifi Ministira Nageenyaa Aadde Mufariyaat Kaamiliif kennaan aadaa Oromoo ibsu kennamuun waltajjichi xumurameera.

Fuula Feesbuukii Keenyan Dabalata Odeeffannoo Waqtaawaa Argachuuf;

Teelegraama Keenya Https://T.Me/Afanoromofana Subiskiraayib Godhaa.

Karaa Yuutyuubii Keenyan Nu Hordofuuf FBC Afaan Oromoo Https://Www.Youtube.Com/C/Fanabroadcastingcorporate/ Subiskiraayib Godhaa.

Karaa Marsariitii (Weebsaayitii) Keenya Fanabc.Com/Afaanoromoo Nu Hordofaaa.

Twiitara Keenya Https://Twitter.Com/Fanatelevision Nu Duukaa Bu’aa

Yeroo Maraa Nu Waliin Waan Taataniif Isin Galateeffanna.

 

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.